Waajjira Fayyaa Godina Booranaa
This is an official page of Borena Zone Health Office
28/08/2026
Oduu Gammachiisaa
Tajaajila Yaala Bilisaa
Gosa Tajaajilaa : Daa'imman Mudoo Dhalootaa Baqaqa Hidhii fi Laagaa Qabaniif
Kan Ilaallatu : Godinaalee Shawaa Arfan, Arsii fi Arsii Lixaa, Booranaa fi Boorana Bahaa, Baalee fi Baalee Bahaa, Gujii fi Gujii Lixaa
Bakka: Magaalaa Adaamaa Hospitaala Waliigalaa Yooyyaatti (BFO fi Dhaabbata “Project Harar”)
Yeroo Hagayya 28 – 30/2018tti
Baasii: Dhaabbata “Project Harar”
Odeeffannoo Dabalataaf : 0917794735 Obbo Bushuraa Nugusaa
Sarara Bilbila Tolaa 6955 irratti Bilbilaa
Oromia Health Bureau
28/08/2026
Gaarummaa Olka’iinsaa Biyyaatiif!
Qajeelchii Poolisii Godina Booranaa dhaaddannoo “Dhiiga bakka bu’u lubbuu bakka hin buuneef” jedhuun miseensa poolisii Oromiyaa hirmaachisuun dhiiga arjooman.
Ajaja Qajeelcha Poolisii Godina Booranaa Koomandar Waariyoo guyyoo gaarummaan ofiif waan ta’eef, sosochii uumuun miseensii keenyaa hundii hojii namooma fi misoomaa ummataa irratti akka hirmaatan taasifama jira jedhan.
27/08/2026
Babalina Dhaabbilee Fayyaa:- Hawaasa Fayya Qabeessa Ta’e Horachuuf! - Oromia Communication Bureau Babalina Dhaabbilee Fayyaa:- Hawaasa Fayya Qabeessa Ta’e Horachuuf!
27/08/2026
🙏🙏🙏
27/08/2026
Oduu Gammachiisaa
Tajaajila Yaala Bilisaa
Gosa Tajaajilaa : Daa'imman Mudoo Dhalootaa Baqaqa Hidhii fi Laagaa Qabaniif
Kan Ilaallatu : Godinaalee Shawaa Arfan, Arsii fi Arsii Lixaa, Booranaa fi Boorana Bahaa, Baalee fi Baalee Bahaa, Gujii fi Gujii Lixaa
Bakka: Magaalaa Adaamaa Hospitaala Waliigalaa Yooyyaatti (BFO fi Dhaabbata “Project Harar”)
Yeroo Hagayya 28 – 30/2018tti
Baasii: Dhaabbata “Project Harar”
Odeeffannoo Dabalataaf : 0917794735 Obbo Bushuraa Nugusaa
Sarara Bilbila Tolaa 6955 irratti Bilbilaa
26/08/2026
Dhukkuba Onnee
❶.Onneen qaama dhiiga raabsuf gargaartudha.
Dhukkuba onnee gosa adda addaatu jira. Isaan kunis kan dhalootan(uumamaan) dhufan fi sababoota adda addaatin yeroo keessa kan dhufan ta'uu danda'u.
❷.Mallattoo
*Afuurri nama ciccituu ykn hanqachuu
*Dadhabbii qaamaa fi humna dhabuu
*dhiitoo miila lamaanii kan yeroo gadi qaban dhooqatee turu. Yoo dafanii yaala hin argatin dhiiton miila irraa gara garaa fi fuulatti ce'uu danda'a
*Onneen yeroo dhahattu namatti dhaga'amu
*Yeroo rafan boraatii baayyee(1 ol) fayyadamuuf dirqamuu
*halkan halkan nama qufaasisu fi akkitaan dhiiga makuu
*Nyaata jibbisiisuu, oldeebiisuu yaaduu
*ulfaatinni qaamaa altakkaatti baay’ee dabaluu.
*Dhukkubbii laphee
*Haalkan haalkan fincaan namatti baayyachuu(yeroo baayyee ka'uu)....
❸.Wantoota dhukkuba onneef nama saaxilan keessaa;
*umrii-carraan dhukkuba onnee qabamuu umuriin dabaluu waliin olka'aa adeema
*sanyiin-maatii keessa namni dhukkuba onnee qabu jiraachuu
*Nyaata coomni itti baayyatu baay'inaan fayyadamuu
*Ashaboo baay'inaan fayyadamuu
*Sochii qaamaa gochuu dhabuu
*Alkoolii,Sigaaraa/tamboo
*Ol ka'insa dhiibbaa dhiigaa
*Dhibee sukkaaraa,dhibee kalee
*Ulfaatina gar-malee olka'aa.....
❹.Of eeggannoo godhamuu qabu
👉Alkoolii fi Tamboo/sigaaraa aarsuu dhiisuu
👉Sochii qaamaa gochuu
👉Ulfaatinna qaamaa ofii to'achuu(BMI18-25)
👉Nyaata sirrii ta’e filachuu; jechuun fuduraaf kuduraa nyaachuu.
👉soogidda/ashaboo xiqqeessanii fayyadamuu.
👉Nyaata akka foon diimaa, cooma, killee fi dhadhaa hir'isuu
👉dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa(hypertension), dhukkubni sukkaaraa fi dhukkubni kalee yoo jiraate haala ogeessi fayyaa ajajeen hordoffii gochuu!!!
❺.Yaala
Namni mallattoo armaan olii kana qabu carraa dhukkuba onnee qabachuu waan qabuuf gara mana yaalaa deemee yaala isa barbachisu argachuu fi hordoffii gaha gochuun irra jiraata.
Fayyaan Faaya.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Yabelo