Nasrii Diin
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Nasrii Diin, ETHIOPIAN, Addis Ababa.
02/08/2026
💎Dubartiin akka Mukaati, Yoo jaalalaan Kunuunsine, Firii gaarii nuuf kenniti. Namoota wajjiin Haala gaarii fi bareeda taheen jiraadhu, waan gaarii argatta!!
02/08/2026
Seenaa Hiriyyoota Sadii‼️
__________________________
AJAA'IBA DUBBISAA Namootaaf mana kanas
---------------
"Seenaa Hiriyyoota Sadii‼️
Kamiyyuu Dubbisuu Qaba!
Guyyaa tokko hiriyyoota sadiituu jireenya isaanii fooyyeffachuuf baadiyyaa irraa gara magaalaa adeemuuf ka’an... Osoo adeemaa jiranii baay’ee beelli itti hammaate. Boqochuuf jedhanii gara caakkaa tokkootti yeroo goran maallaqa shaanxaa (boorsaa) guutuu lafaa argatan.
Isa booda baay’ee waan beela’aniif hiriyyaa isaanii keessaa isa tokko nyaata bitee akka deebi’uuf gara magaalatti isa ergan. Inni immoo maallaqa kana nyaata bitetti qoricha godheen isaan lamaan fixeen maallaqicha kophaa dhuunfaa kootin fudhadha jedhee murteesse. Isa booda akkuma jedhe qoricha itti godhee gara isaaniitti deemsa eegale....
Hiriyyoonni isaa lamaan hafanis ammoo "Maaliif isa ajjeesnee maallaqa kana adda hin irrannu?" jedhanii isa ajjeesuuf murteessan. Hiriyaan isaanii inni nyaata bituu deeme deebi’ee yemmuu isaan bira ga’u dha’anii ajjeesan. Isaanis nyaaticha nyaannee gara manaatti deebina jedhanii akkuma nyaachuu eegalaniin achumaan walirra ciciisanii hafan. 🙆♀️
Gorsa Jireenyaa
Obboloota koo waan har'a mul'atee boru baduuf jecha meeqan keenyatu walii keenya dabarsee kennaa jira laata? Waan facaafne akka haammannu dagachuu hin qabnu. Ammam yoo baay'ateyyuu nama gargaaruu hin dandeenyu taanan, nama miidhuu irraa of haa qusannu!
Namni dubbisu hin badu! Baga dubbistee.
🛜 Waan dubbiftaniif Galatoomaa gochuu hin dagatinaa hin dadhabinaa 💥
➡️ Sitti tollaan hin dagatin!
WAAN DUBBIFTANIIF GALATOOMAA
02/08/2026
Zikriilee laaftutti goonu kan sawaabni isii hedduu guddaa keeysaa,
godhi irraa Hin kafltuu, garuu Yoo niyaa tolfatte itti argattaa bar
1, √Qur'aanarraa Suuratul Ikhlaas yeroo 10 qara'uudha.
Maalif? Namni suuraa Ikhlaas yeroo 3 qara'e Sawaaba Nama qur'aana guutuu qara'eeti argata. Namni yeroo 10 qara'e ammoo Sawaaba Nama qur'aana yeroo 3 qara'ee argatuu bira dabree Rabbiin Jannata keeysatti Qasraa ykn Masaraa Jannata keeysatti Isaaf ijaara nuun ja'an ergamaan keenya (S.A.W).
Ragaan kanaa Hadiisa armaan gadii kana
عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ، أَنَّ رَجُلًا سَمِعَ رَجُلًا يَقْرَأُ: قُلْ هُوَ اللَّهُ أَحَدٌ يُرَدِّدُهَا، فَلَمَّا أَصْبَحَ جَاءَ إِلَى النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم، فَذَكَرَ ذَلِكَ لَهُ، وَكَأَنَّ الرَّجُلَ يَتَقَالُّهَا، فَقَالَ رَسُولُ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم: "وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ إِنَّهَا لَتَعْدِلُ ثُلُثَ الْقُرْآنِ." [صحيح البخاري – رقم 4726]
عَنْ مُعَاذِ بْنِ أَنَسٍ رضي الله عنه، عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
"مَنْ قَرَأَ قُلْ هُوَ اللَّهُ أَحَدٌ حَتَّى يَخْتِمَهَا عَشْرَ مَرَّاتٍ، بَنَى اللَّهُ لَهُ قَصْرًا فِي الْجَنَّةِ." فَقَالَ عُمَرُ رضي الله عنه: إِذًا نَسْتَكْثِرَ يَا رَسُولَ اللَّهِ؟ قَالَ: "اللَّهُ أَكْثَرُ." رواه أحمد (3/437)، وصححه الألباني في "السلسلة الصحيحة" (589).
2, √ Subhaanallaahi wabi hamdihii (Yeroo 100)
Maalif? Rasuulli keenya (S.A.W) Hadiisa Bukhaarii fi Muslim odeeysan keeysatti Akkana ja'an. Namni guyyaatti Zikrii tana yeroo 100 godhe, Rabbiin dilii isaa Isaaf araarama osoo diliin isaa hoomacha baharaatti qixxooytellee ja'an
Ragaan kanaa
قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: "مَنْ قَالَ: سُبْحَانَ اللَّهِ وَبِحَمْدِهِ، فِي يَوْمٍ مِائَةَ مَرَّةٍ، حُطَّتْ خَطَايَاهُ، وَإِنْ كَانَتْ مِثْلَ زَبَدِ الْبَحْرِ." (رواه البخاري ومسلم)
3, √ Laa ilaaha illallaah wahdahuu Laa Shariika Lahuu, Lahul mulku Walahul hamdu wahuwa alaa kulli sheey'un qadiir (لا إِلَهَ إِلا اللَّهُ وَحْدَهُ لا شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ، وَلَهُ الْـحَمْدُ، وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ،) (yeroo 100)
02/08/2026
nama dhugaan nama jaalatu fakkaatanii namatti dhihaachuu mannaa dhugaan nama jaalatanii namarraa fagaachu wayya!!
Nama jaalala dhugaa si jaalatee sitti dhihaatuu fii nama dantaaf nama si jaalatu fakkaatee sitti dhihaatu adda baafachuu dandeyuun qruuxummaadha!!
Hedduun namaa nama fakkeeyfatee isatti dhihaatu, Nama dhugaan isa jaalatee fafakkeeysuu dhiisee isarraa fagaatu caalaa gaaromfata!
Garuu dubbiin faallaa saniiti.
Namni Rabbiif jacha si jaalatu si wajji argatuus, si wajji rakkatuus rakkoo fii balloon si wajjiin adda hin baaftu.
Namni dantaa isaatiif si jaalatu ammoo: dantaan isaa san dhabamnaan sana booda sitti hin dhihaatu.
Dantaan isaa san yoo argamtee fedhiin isaa guutamteefiis san booda namaa mitii sare-ttuu si hin lakkaawu.
Nama bikka dhaqu dhabaaf sitti maxxanee jireenya isaa jiraatu hunda: Nama si jaalatee sitti dhihaate seetee akkasitti yoo yaadaa jiraatte dogongortee jirta!
Namni tokko Rabbiif jacha si jaalata, tokko namummaa ati qabduuf si jaalata, tokko dantaa isaatiif si jaalata!
Jarri lamaan duraa si biratti hafanii rakkoofii balloos si wajjiin qooddachuu malan, tokkichi boodaa ammoo rakkoo isaa akka wajji qooddattuuf si qabate waan taheef, rakkoo gubbaan rakkoo biraa dabalatee rakkoo tee si wajji qooddachuuf yaroofii kaayyoos hin qabuu beekhi.
Namni dantaa isaatiif jacha waan si jaalatu fakkaatee yaroof sitti maxxanu, gaafa dantaa si jaalatuuf san sirraa dhabe ykn rakkoon dheeysee si jalatti galeef san gaafa irraa kaate, Nageyatti osoo siin hin janne si biraa baduuf akka jiraatu hin dagatin.
Nama sirraa fagaatu hundaas waan si jibbee sirraa fagaate yoo seete daandii baddee jirtaa beekhi.
Akkuma kan sitti dhihaate dantaa sitti dhihaateef qabu, kan sirraa fagaatelleen rakkoo sirraa fagaateef qabaachuu malaa hubadhu.
Nama dhugaaf deemuufii namni fakkeeysuuf deemu tokkoo miti.
Yaroo hedduu namni dhugaaf deemu if tottoolchuu fii if mimmiidheeysee gaarii if fakkeeysee jaalatamuu hin jaalatu.
Kan dantaaf deemu
23/07/2026
💥Torban Guyyaa Qiyaamaa Gaaddisa Arshii Jala Taa’an 💥 Rāsūūllaa Rabbii ۞ﷺ۞Namaa wan kheeyrii tokko namatti garsiisee Rabbiin karaa jannata isaa garsiisuu malee hin hafuu jedhaa
Fb 𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 & 𝐋𝐢𝐤𝐞♥️ 👉 صباح الإسلام 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐚
•••••••••••••••••••••••••۞﷽۞••••••••••••••••••••••••
💥“Rasuulli Rabbii ۞ﷺ۞ Guyyaa Qiyaamaa Guyyaa Gaaddisa Rabbii malee Gaaddisni biraa hin jirre, Rabbiin nama torba Gaaddisa isaa jala kaayaa Ja’e”
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
😍Hadiisa Kana Bukhaarii fii Muslimtu Gabaase
Namoonni Torban saniis akka Armaan Gadii kana
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
💥1: Bulchaa Ykn Daanyaa Haqaan Nama Hogganu
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
💥2: Dargaggeessa Ibaadaa Rabbii Irratti Guddate
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
💥3: Nama Qalbiin isaa Masjiidatti Rarraatuu taate
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
💥4: Namoota lama kan Rabbumaaf Jecha wal jaalatee ammaas jaalaluma Rabbii sanirratti addaan bahe.
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
💥5: Gurbaa tokko kan dubartiin aangoo fii bareedina qabdu takka koottuu Badii natti dalagi jattee isa yaamtee, Ani Rabbiin sodaadha ja’ee jalaa dide.
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
💥6: Nama tokko kan dhokeessee sadaqaa kennate hanga waan harki mirgaa isaa kennitu harki biraa isaa hin beeynetti.
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
💥7: Nama Yeroo kophaa isaa taa’u Rabbi Yaadatee ijji isaa imimmaan Dhabgalaastu.
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
💥• Rabbiin Warra guyya San Gaaddisa isaa jala taa’u Irraa Nu Haa Taasisuu.
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
💥• Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••••••••••••••••••••••
✨Asumaan Nabiyyichaa ۞ﷺ۞ Iràti Sålawãta
busuu hin dagatinaa Yaa gabrootaan Rabbii
Fb 𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 & 𝐋𝐢𝐤𝐞♥️ 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐚
•••••••••••••••••••••••••۞۞••••
23/07/2026
15/07/2026
NAMA DU’E WAAN SADIITU QABRII ISA WAJJIIN DHAQA
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
• Hadiisa Anas Ibnu Maalik R.A Irraa Odeeyfame Keesatti Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana ja’an “Nama Du’e waa Sadiitu Isaa Wajjiin Qabrii Dhaqa, Yeroo inni Awwalame booda wana Sadeen Isaa Wajjiin Dhaqe Keessaa Lama ni deebiti Takka Qofaatu Isa Biratti Hafaa Ja’an.
Wanni Sadeen San Akka Armaan Gadii Kana.
1: Aanaa Ykn Firaa fii Ahlii Isaa
2: Qabeenya Isaa
3: Dalagaa Isaa
• Wantoota Sadeen Kana keessaa aanaa fii Qabeenyi Isaa inni awaalamnaan gara manaatti biraa deebi’an, wanti takkittiin qabrii keessatti isaa wajjiin haftu dalagaa gaarii inni osoo lubbuun jiruu Addunyaa tanarratti dalagatee dabarfate qofa.
1: Hanga fedhe si jaalatuus firri kee kan qabrii sii wajjiin seenu hin jiru, ati awwaalamnaan namuu si dhiiseeti gara mana isaa deebi’a siifii dalagaa tee qofaatu walitti hafa.
2: Qabeenya hanga feete Addunyaa tanarratti horattuus if wajjiin fuutee qabrii hin seentu, Guyyaa ati duuterraa qabaniiti kan si boodatti Hafe addaan hirata, Qabeenya qofaa mitii jaartiin teetuu Gaafa ati duute ka biraatu fuudhee jaartii Godhata, wanni takkittiin si wajjiin haftu dalagaa gaarii ati dalagattee dabarsite qofa.
3: Dalagaa Tee qofa tan qabrii si wajjiin seentu, isii qofa tan Yeroo ati awwaalamte si biratti haftu, isiidha tan qabrii keessatti ifaa siif taatee Yeroo ati yaaddooyte si buhaarsitee si gammachiistu.
• Kanaaf Yaa Obboleeyyan kiyya Waan qabrii nuu wajjiin hin seennerratti Yeroo teenya fixuu dhiisnee osoo lubbuun jirruu waan Guyyaa boruu nu fayyadu haa dalagannuu.
• Rabbiin warra waan Aakhiratti Isaan fayyadu osoo lubbuun jiruu dalagatee dabarfatu Nu Haa Taasisuu.
Barreeffama kana dubbisaa Share Waliif Godhaa.
15/07/2026
Mallattoo kaatimaan nama toluu irraa waaxiqqo siif himaa dubbisii SHARE GODHI Rabbiin kaatimaa nuhaa tolchuu
________________________________
Kaatimaan sitoluun mallattoon duraa namni m*slimaa du*uudha haala addi isaa huurkituun Yookaan dafqituun
Ergamaan Rabbii 《S A W 》 akkana jedhan namni musl*maa haala bobaan isaa dafqituun yoo du*e mallattoo kaatimaan isaa toluuti ja'an
Mallattoon lammaffaa namni muslimaa du*uudha guyyaa juma'aa Ykn halkan juma'aa
Ergamaan Rabbii 《S A W 》 akkana jedhan nama muslimaa irraa ta'ee kan guyyaa juma'aa Ykn halkan juma'aa du*e Rabbiin fit*naa jalaa isa baasu malee hin taane jedhan
Ammas haala shahaadaa karraruun du*uudha
Ergamaan rabbii 《S A W 》 Akkana jedhan namni booddi jecha isaa
《Laa*ilaaha*illallaaha 》 taate jannata seena ja'e
Ammas shahiidummaadhaan du*uudha haala karaa rabbii keessati qabsaawaa taateen
Kuniis shahiideedha Ergamaan rabbii nabi mohammad 《S A W》 akkana jedhan namni du*e ib*ddaan gub*tee bishaaniin ukka*mfamee ammas dhukkuba garaatiin Ykn koreelaa jechuudha ammas nama osoo qabeenya isaatiif loluu falmatuu ajj**fame kuniis shahiideedha ja'e Ergamaan rabbii 《S A W》
Amaas ibaadaarratti du*uudha haala salaatatti jirtuun Ykn haala xawaafutti jirtuun haala soomana qabduun haala keeyrii adda addaa irra jiruun
Ergamaan rabbii 《S A W 》 akkana jedhan namni waanuma irratti du*e irratti kaafama ja'e
Rabbiin kaatimaa nuhaa tolchu
Yoo dubbiftee xumurte Ergamaa rabbii nabi mohammad 《S A W 》irratti salawaata buusi.
Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Website
Address
ETHIOPIAN
Addis Ababa